Metro - ejansii sochii keetii

King County Metro hawaasa fayya buleessa uumuuf, diinagdeef cimsuuf and naannoo itti fufiinsa qabu uumuuf geejjiba uummataa sadarkaa addunyaatti beekamaa, mala ammayyaa ta’een qindaa’e fi argannoowwan haaradhaan dabaalame uumaa jira.

Sochiin mirga dhala namaati

Metro dhaaf sochii jechuun yeroo deemuu barbaaddetti, nagaadhaan, dhiibbaa tokko malee, itti fufiinsaan, dandeettii bakka barbaadde dhaquu jechuudha.

Ergamni keenya

Kaayyoon keenya King County keessatti sochii naannoo fi jireenya bareedaa qabu fooyyessuudhaaf tajaajila geejjiba uummataa baay’ee mijataa ta’e dhiyeessudha.

King County keessa hawaasa sab daneessa fi haala teessuma garaagaraatu jira; kanaafuu neetwoorkii sochii namoota carraa garaagaraa akka argatan godhuu fi hawaasa keenya guddataa jiru walitti fiduuf garagaaru qopheessaa jirra. Garaa garummaa sanyii, bakka fi tajaajila dursi barbaachisuuf irratti hundaa’ee uumamu maqsuudhaaf kutannoo qabna.

Naannichatti neetwoorkii baasii guddaa kan qabu nuyi. Qulqullina qilleensa keenyaa fooyyessuu fi eegudhaaf faalama aara qilleensa faalu hir’isaa jirra. Metro, industirii geejjibaa fi biyyattii bara 2040 tti gara aara 100% n zeerotti galchuutti geessaa jira.

Naannolee keenya guddataa jiran keessatti fedhii tajaajilaa dabale guutudhaaf iddoowwan buufata baasii keenya amma jiran fooyyessuu fi haaraa ijaaruu irratti ni hojjanna. Bu’uuraaleen Metro keenya muuxannoowwan guddina itti fufiinsa qabuu fi ijaarsa aara irraa bilisa ta’een akkaataa wal simatuun ni ijaaramu. Akkasumas carraa hojii naannoo sanaaf ni uuma.

Neetwoorkii sochii kan hawaasaaf mijataa ta’e, diinagdee gabbisu fi naannoo itti fufiinsan misoomsu danda’u ijaaruun hundumti keenya waliin gara fuulduraatti imaluu ni dandeenya.


Baajeta

Tajaajila geejjiba uummataa baay’ee mijataa isiniif dhiyeessuu fi sochii naannoo fooyyessuuf kutannoo cimaa qabna.

Metro akkamitti akka gargaarame

52% Taaksii Gurgurtaa

15% Kaffaltii

15% Walta’iinsawwan Naannoo

8% Kan biroo

6% Maallaqa

4% Liqii yeroon isaa murtaa’e

Akkaataa maallaqni itti bahe

73% Baasii Hojii

14% Kaappitaala- Bu’uuraalee Misoomaa

11% Kaappitaala- Doonii

2% Tajaajila Liqii